We love eBooks
    Baixar ‘Legacy’ Amantii Jiraachuu (Japanese Edition) pdf, epub, eBook

    ‘Legacy’ Amantii Jiraachuu (Japanese Edition)

    Por Kefyalew Amante

    Sobre

    Gootota amantii Waaqayyo bara kana ilaallataa jiru keessaa qooda qabaachuuf kitaabi kun baay’ee sibarbaachisa. Ofii keetiif nama bu’aa buusee darbu ta’uudhaaf, meeshaan guddaan sibarbaachisu yoo jiraate amantiidha. Ofii keetii dhimma baafte, namoota biroos immoo warra dhimma baasan goota.

    Erga kitaaba kana dubbiftee raawwattee booddee yoo akka dubbifte sanatti jiraatte akka ati nama biraa taatee jijjiiramtu amantii guddaan qaba. Yeroo dubbiftu immoo fixuudhaaf utuu hin taane hubannaa gadi fagoodhaan dubbisi. Luqqisa keessa jiran hundumaa yaada boqotaan ilaali.

    Yoo biyya lafaa irra ji’a jaha (6) duwwaa jiraatta jedhamee sitti himame maal hojjechuu barbaadda waan dhaloota dhufu fayyadu. Eenyuu wajjin yeroo dheeraa dabarsuu barbaadda? Ijoollee keef dhaamsa maalii dhaamteefii deemta? Qabeenya qabdu gara kam irra babbaaftee deemta? Gaaffii gaggaarii kana yeroo fudhatanii yaaduun baay’ee gaariidha. Garuu ji’a jaha (6) akka fakkeenyaattan fudhadhe malee guyyaa meeqa akka jiraannu namni nutti himuu danda’u hin jiru. Amma duwwaa jiraachuu keenya beekna. Dubbiin Waaqayyoos guyyaan fayyinaa har’a jedha malee waa’ee borii nutti hin himu. Kanaafuu akka nama har’a duwwaa biyya lafaa irraa qabuutti jiraachuutu nurra jira. yeroo kadhannu, yeroo hojjennu, yeroo jireenya amantii jiraannu akka nama guyyaa tokko duwwaa qabuutti jiraachuu qabna. Garuu yeroo akeeka yookaan karoora baafnu immoo akka nama waggaa 1,000 jiraatuutti.
    Yeroo tokkotu namni tokko dhukkubsatee mana yaalaa dhaqe. ogeessi fayyaa erga ilaaleenii booddee dawaa kenneef. Dawaa Dokterichi kenneef immoo waan inni bara lafa irra jiraatu hundumaa utuu gargar hin kutiin fudhatu akka ta’e itti hime. Namichi bara lafa irra jiraatu hundumaa dawaa sana akka fudhatu yeroo dhaga’e baay’ee gadde. Dokterichi gadduu isaa argee maaliif gadditee? jedhee gaafannaan, inni immoo deebisee baran lafarra jiraadhu hundumaa dawaa kana fudhachuukootu nagaddisiise jedheen. Dokterichi deebisee waggaa meeqa lafarra akka jiraattu beektaa? Jedhee gaafannaan namichi immoo deebisee hin beeku jedhe. Namichi kun akka waan bara dheeraa lafa irra jiraatuutti yaadeetu akkamittan bara hamma kana dheeratu dawaadhaan jiraadha jedhe. Garuu tarii guyyaa muraasa ta’uu danda’a.
    Kitaabi kun akka nama har’a duwwaa qabuutti of ilaaltee ni caala isa jettu sana jiraattee, taatee, hojjettee akka darbitu sigargaaruuf dhufe. Har’a akka kaleessaatti hin jiraatiin! Har’i yeroo haaraadha. Waan har’a ta’uu qabdu utuu hin ta’iin yoo dabarsite, waan har’a hojjechuu qabdu yoo utuu hin hojjetiin dabarsite, waan har’a dubbachuu qabdu utuu hin dubbatiin yoo hafte, lafa har’a dhaquu qabdu utuu hin dhaqiin yoo hafte gara booddeetti deebitee fooyyeessuu hin dandeessu.
    Baixar eBook Link atualizado em 2017
    Talvez você seja redirecionado para outro site

    Relacionados com esse eBook

    Navegar por coleções eBooks similares